Itoophiyaatti bara 2018 guddinni dinagdee dhibbantaa 10.2 akka galmaa’u eegama

You are currently viewing Itoophiyaatti bara 2018 guddinni dinagdee dhibbantaa 10.2 akka galmaa’u eegama

AMN Plus – Onkoloolessa 13/2018

Manni Maree Ministirootaa raawwii diinagdee gooroo guyyootii 100 haalota diinagdee addunyaa waliin walbira qabee qorachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

Bara 2017tti guddinni diinagdee Waliigalaa 9.2% akka galmaa’e himameera.

Dameen qonnaa guddina 7.3%, industiriin 13%, dameen tajaajilaa ammoo 7.5% agarsiisuu eerameera.

Hojiilee jijjiiramaa hojjetamaa jiraniin, akkasumas hojiilee misoomaa ijoo mootummaa dabalatee carraawwan invastimantii haaraa dabalamaniin, bara 2018 guddinni waliigalaa %10.2 akka eegamu himameera.

Kanaaf ammoo hidhi haaromsaa gara hojiitti seenuun, warshaa gaazii uumamaa dabalatee jalqabbiin warshaa xaa’oo diinagdeen caalmaan akka dadamaqu taasisa jedhameera.

Qonni guddina 7.8%, industiriin 13.2% akka galmeessan eegama. Oomishni Warqii kan karoorfameen ol deemaa akka jiruu ibsameera.

Dameen tajaajilaas turizimii, geejjibaafi diinagdee diijitaalaan deeggaramee guddina 9.3% akka agarsiisu eegama.

Baatiiwwan sadan jalqabaatti daldala alaarraa galiin doolaarri biiliyoona 2.5 yoo argamu, sosochii faayinaansii diijitaalaan birriin tiriiliyoona 6.5 socho’uu eerame.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply