AMN- Sadaasa 17/ 2017
Jijjiiramni Dhiibbaa ummataa fi hawwatummaa Paartiin dhufe boqonnaan jalqabaa ce’aa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Boqonnaa jalqabaa kana keessatti yaadonni jijjiiramichaa jechaa fi gochaaf saaxilamaniiru.
Qormaatileen jijjiiramichas haalan saaxilamuun ummanni hubatee akka qabsaa’uu taasiifameera.
Kunis bu’aaleen jijjiiramaa guddachuun qormaatilee akka injifatan carraa uumeera jedhan Dooktar Abiy ergaa dabarsaniin.
Waggoottaan jahan darban seenaa siyyaasa Itiyoophiyaa keessatti gaaffileen gaafatamaa turan jechaan qofa osoo hin taane gochaan deebii argataniiru.
Jijjiirama imaammataa, seeraa fi hojmaataa qofa osoo hin taane jijjiirama aadaa fideera.
Jijjiiramichi cabiinsa biyyattii kaleessaa kan suphu, kan har’aa kan madaaluu fi imala boruu kan qajeelchuudha jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa waggaa 5ffaa isaa waayita kabaju bu’aalee jajjaboo hedduu galmeesseera.
Paartiin Badhaadhinaa seenaa Siyaasa paartiilee Itiyoophiyaa keessatti paartii hawaasni hubannoo siyaasaa ammayyaa akka goonfatu taasiiseedha.
Gurmaa’insa siyaasaa fideera.
Gaaffiilee ummataa toora qabsiiseera.
Mala qabsoo siyaasaa haaraa beeksiiseera.
Hundeeffamni badhaadhinaa daangaa moggaafi gidduu miseensaafi deeggaraa horsiisee bulaafi qonnaan bulaa tarkaanfataafi achumee firaafi diina kkf jedhu jiksuun Jaarmiyaa siyaasaa yaada qofa irratti hundaa’e uumeera.
Paartiin badhaadhinaa garaagarummaa yaadaa akka faayaafi duudhaatti fudhata; morkattootasaa akka diinaatti hin ilaalu.
Damee diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa, Dippiloomaasii fi misoomaan bu’aalee hedduu galmeessera.
Bilisummaa fi guddina miidiyaalee, bilisummaan yaada mallattoo qaroominaa fi ibsituu sabdaneessummaati.
Jijjiiramichaan bilisummaan miidiyaa akka kabajamu, miidiyaaleen seeran qofaann akka hojjetanii fi bulan, hawaasaa hundaaf maaddii yaadaa akka ta’an taasiisuun danda’ameera jedhan.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee hojii seera fooyyessuu, hojmaata miidiyaalee fooyyessuu, qaqqabummaa miidiyaa jajjabeessuu, sirna miidiyaaleen ofiin waltoo’atan diriirsuu kaasaniiru.
Lakkoofsi miidiyaalee jijjiiramaan dura 122 qofa turan yeroo ammaa 272 gahuu himaniiru.
Buufataaleen Teeleeviizyiinii 25 turan amma 78, Raadiyoon 52 gara 73tti, afaannoonni miidiyaa biyya keessaa 39 irraa gara 60tti ol guddachuu eeraniiru.
Barri kun bara guddina Itiyoophiyaa akka ta’u waloon haa hojjennu jedhuun waamicha dhiyeessaniiru.
Oomishni Aannaan jijjiiramaan dura Liitira biiliyoona 7.2 ture yeroo ammaa liitira biiliyoona 10tti guddateera.
Oomishni misooma Dammaa toonii kuma 100 fi kuma 29 ture gara toonii kuma 200 fi kuma 72tti guddateera.
Waggoottaan jahan darban biqiltuuwwan faayidaa diinagdee adda addaa qaban biiliyoonni 40 dhaabbataniiru.
Akkaawuntiin diijitaalaa miiliyoona 52 ture gara miiliyoona 200 fi miiliyoona 5 fi kuma 400 qaqqabeera.
Lakkoofsa herraagaa diijitaalaan Birrii biiliyoona 7.7 walitti qabuun danda’ameera.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa % 97.6 irra qaqqabeera.