Kantiibaa Adaanech Abeebeen barattoota kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa galmeessisan badhaasan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen barattoota kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa galmeessisan badhaasan

AMN Plus- Onkoloolessa 18/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen barattoota magaalichaa kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa galmeessisan 336 badhaasan.

Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, bara kana barattoota qabxii 500 ol galmeessan kuma 1f 321 galmeessan keessaa warreen qabxii olaanaa fidan 336 akka badhaafaman eeran.

Bara 2016 qormaata kana kan darban %21.3 ta’uu yaadachiisuun bara 2017 kana gara %31tti olguddachuus beeksisaniiru.

Akka biyyaatti manneen barnootaa barattoota hunda dabarsan 50 keessaa 17 Finfinneerraa ta’uu himaniiru.

Manneen Barnootaa Bultii Addaa lama barattoota guutummaan dabarsan lama Finfinneerraa ta’uun bu’a qabeessummaa hojii keenyaa agarsiisan jedhan.

Badhaasa har’aa keessatti barattootni qaro dhabeeyyiifi dhageetti hin qabnee qormaata isaan mudatuuf harka osoo hin laatin qabxii olaanaa galmeessisaniif kabaja guddaa akka qaban Kantiibaa Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply