Kantiibaa Adaanech Abeebeen Hidha Bishaan Dhugaatii Garbii hatattamaan eegaluuf haalota dandeessisan irratti mari’atan

AMN- Mudde 3/ 2017

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Chey Hayi fi gaggeessitoota Garee CGCOC waliin Hidha Bishaan Dhugaatii Garbii hatattamaan eegaluuf haalota dandeessisan irratti mari’achuu himan.

Pirojektii kana bara 2008 eegaluuf Baankii Egziim waliin waliigaltee liqaarra gahamus, haga ammaa liqaan kun waan hin lakkifamneef Bulchiinsi magaalichaa bajata ofiisaan ijaarsisuuf murteessuu eeran.

Fedhii fi dhiheessii bishaanii magaalattiin qabdu guutuuf bulchiinsi magaalaa baajata isaatiin ijaaruuf har’a Imbaasii Chaayinaa fi garee kontiraaktaraa CGCOC waliin waliigalterra gahuus himan.

Hir’ina dhiheessii bishaanii magaalaa Finfinnee hambisuuf baajataa guddaa ramadnee hojjechuu irratti argamna kan jedhan Aadde Adaanech, Piroojektii hidha bishaan dhugaatii Garbii yemmuu xumuramu dhiheessii bishaanii caalmaan akka dabalu ni amanna jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply