AMN- Muddee 29/2017
Chaayinaa naannoo gaarreen itti heddummatu Tibeet keessatti kirkira lafaa halkan darbe mudateen, yoo xiqqaate namoonni 95 yoo du’an, 130 madaa’uun himameera.
Mootummaan Chaayinaas deggersa namoomaaf lubbu-baraartota bobbaasuu dabalatee namoota qe’eerraa buqqa’an qubsiisaa jiraachuu ibsameera.
Kirkirri lafaa Magaalaa Qulqulluu Tibeet Shigaatis jedhamutti rektaar iskeelii 6.8 kan mudate yoo ta’u, lafa jala kiiloomeetira 10 akka fagaatu ragaan ‘US Geological Survey’ irraa argame ni mul’isa.
Biyyoota ollaa akka Neppaalii, Bahuutaanii fi Indiyaattis sochiin lafaa dhaga’amu Rooyiters Dabalatee Midiyaan Idi-Adunyaa gabasaa jiru.