Kutaa Magaalaa Sulultaatti pirojektoonni Birrii miiliyoona 500 ijaaraman eebbifaman

You are currently viewing Kutaa Magaalaa Sulultaatti pirojektoonni Birrii miiliyoona 500 ijaaraman eebbifaman
  • Post category:Itoophiyaa

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti pirojektoonni gara garaa Birrii miiliyoona 500’n ijaaraman eebbifamaniiru.

Piroojektoonni mana barumsaa bu’uura Boruu, Giddugalli gabaa fi Gamoo Bulchiinsa magaalaa eebbifamuu Bulchaan kutaa magaalaa Sulultaa Dooktar Shallamaa Bashaanaan ibsaniiru.

Magaalaan Shaggar erga hundaa’ee hojiilee misoomaa hedduun hojjetamuu fi kenniinsa tajaajjilli hawaasaa ammayyaa’uufi fooyya’uuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Kantiibaan Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloon dubbataniiru.

Magaalichatti bara kana piroojektoota rakkoolee hawaas- diinagdee hawaasaa furan Birrii biiliyoona 5.5’n hojjechuuf karoorfamuus ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS