AMN PLUS, Guraandhala 14, 2017
Konfiransiin Galtee Yaala Fayyaa Idil Addunyaa 4ffaan Magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti taa’amaa jira.
Konfiransichis, Tajaajila Dhiyeessii Qorichaalee Itoophiyaan kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Daayirektarri Olaanaan Tajaajila Dhiyeessii Qorichaalee Itoophiyaa Dr. Abdulqaadir Galgaloo, Konfiransichi dhiyeessitoota adda duree ta’an adda baasuu keessatti ga’ee olaanaa qaba jedhan.
Warshaaleen biyya keessaa warreen biyya alaarraa muuxannoo akka qooddattaniif waltajjii carraa uumu ta’uus Dr. Abdulqaadir himaniiru.
Konfiransicharratti marii paanaalii kan gaggeeffame yoo ta’u, agarsiifni qorichaaleefi Meeshaalee yaala fayyaa dhiyaataniiru.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase