AMN- Mudde 08/2017
Roonaaldoo Naazaariyoo Deleemaan filannoo Pirezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biraaziil yoo injifate kubbaa miilaa biyyattii guddummaasaa duraatti akka deebisu beeksise.
Kubbaa miilaa fi Biraaziliin adda baasuun ulfaataadha kan jedhu Roonaaldon filannoo kana kan injifatu yoo ta’e garee biyyaleessa Biraazil bakkattin deebisa jedha.
Shaamphiyoonan Waancaa Addunyaa yeroo lamaafi Injifataan badhaasa Baalandoorii El-fenomenoon filannoo pirezidaantummaa irratti hirmaachuuf murteessuu isaa mirkaneesse.
Filannoon Pirezidaantumma Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biraazil jalqaba bara 2025tti ni gaggeeffama jedhamee eegama.
Kadiija Ifaatiin