Luwiis Enerikeen bara dorgimmii kanaan waancaa lama injifaachuun 3ffaaf qophiirra jira

You are currently viewing Luwiis Enerikeen bara dorgimmii kanaan waancaa lama injifaachuun 3ffaaf qophiirra jira

AMN PLUS Caamsaa 17/2017

Shaampiyoonummaa waancaa Liigii Firaansi 1ffaa xumura taphoota liigichaa dursee kan mirkaneeffate PSG’n morkii waancaa Firaansiin tapha Raayinsi waliin taphate 3 fi 0’n mo’achuun dorgommii marsaa kanaan injifannoo waancaa liigii Firaansi 1ffaa fi ‘cuope de France’ mirkaneeffateera.

Seenaa kubbaa miilaan kilabootni bara dorgommii tokkotti waancaa liigii, fi kan biyyaa akkasumas shampiyoonsi liigii ardii Awurooppaa injifachuun milkaa’an 10 qofa.

Waancaawwan biyya keessaa lama injifachuu kan mirkaneeffate PSG’n morkii shaampiyoonsi liigii Awurooppaa dhiyootti Intar-Miilaan waliin taasisuun yoo milkaa’e kilaba bara tokkotti waacaawwan sadii injifate isa 11ffaa ta’uun seenaa hojjeta.

Kana dura Barseloonaa waliin waancaawwan Laaligaa, Koppaa delaaey fi shampiyoonsi liigii Awurooppaa injifatanii kan turan leenjisan kilabichaa Luwis Enrikee shaampiyoonsi liigiin baranaan milkoofnaan seenaa dachaa kan galmeessan ta’a jedhamee eegana.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply