Manneen Dhugaatii fi Manneen Nyaataa faalama sagalee geessisan cufaman

You are currently viewing Manneen Dhugaatii fi Manneen Nyaataa faalama sagalee geessisan cufaman

AMN – Muddee 16/2017

Manneen Dhugaatii fi Manneen Nyaataa Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 06 faalama sagalee naannootti uumaa turan cufamanii jiru.

Manneen Dhugaatii Fi Manneen Nyaataa kunneen sadarkaa sagalee deessiibeelii 45 eeyyamame irra darbuun hanga deessiibeelii 81.2 akka fayyadaman mirkanaa’eera.

Manneen dhugaatii, manneen nyaataa fi manneen shubbisaa halkanii sababa faalama sagaleen hawaasa irratti rakkoo guddaa geessisaa turan kunneen irra deddeebiin akeekkachiisni kennamus, sirreessuu waan hindandeenyeef tarkaanfiin fudhatamuu isaa odeeffannoon Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply