Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa borii wixinee labsii sirna daldala oomishaalee boba’aa to’achuuf qophaa’e irratti ni mari’ata

AMN – Muddee 30/2017

Walgahii idilee 14ffaa waggaa 4ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa marsaa 6ffaa guyyaa boruu ni gaggeeffama.

Manni marichaa walgahii idilee isaa kanaan wixinee labsii sirna daldalaa oomishaalee boba’aa diriirsuuf qophaa’e irratti gabaasaa fi yaada koree dhaabbii dhimma daldalaa fi tuurizimii qoratee ni raggaasisa jedhamee eeggama.

Kana malees, labsii qabeenya deebisuu ilaalchisee gabaasaa fi murtee koree dhaabbii seeraa, haqaa fi dhimmaa dhiheessee qoratee ni raggaasisa jedhamee akka eegamu odeeffannoon mana marichaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply