AMN- Mudde 16/2017
Ministeerri Nageenyaa walta’iinsa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin qabu cimsuuf kan hojjetu ta’uu beeksiseera.
Ministirri Ministeerichaa Mahaammad Idiriis Hoggantootaa fi Koree Hoji Raawwachiistuu Mana Marichaa waliin mari’ataniiru.
Marichaan Pireezidaantiin Mana Marichaa Sheek Haajii Ibraahim Tufa, tokkummaa fi nageenya biyyaaf akkasumas tokkummaa hawaasa musiliimaa cimsuuf manni marichaa hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu fi kana cimee akka itti fufu kaasaniiru.
Manni marichaa raawwii filannoo Majliisaa fuulduratti gaggeessuuf jiru mootummaan akka deeggarsa barbaachisaa taasisuuf gaafataniiru.
Obbo Mahaammad Idiriis gama isaaniin ijaarsa nageenyaa fi dhimmoota biyyaalessarratti mana marichaa waliin walta’iinsa dhaabbatummaa qabu akka cimsu mirkaneessaniiru.
Ummata Obbolaa Afaarii fi Somaalee gidduutti waldhabde ture furuuf manni marichaa gumaacha olaanaa taasiseef galateeffatanii, fuuldurattis hojiilee misoomaa fi nageenyaa hunda galeessaa cimsee akka itti fufuu waamicha dhiyeessaniiru.
Ministeerichi dhaabbilee amantaalee hunda waliin walta’iinsaan akka hojjetu ibsuun, filannoo Majliisaa fuulduratti manni marichaa gaggeesuu milkaa’inaan akka raawwatamuuf tumsa ni taasisa jedhaniiru.