Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee AMN daawwatan

You are currently viewing Miseensonni Mana Maree Magaalaa Finfinnee AMN daawwatan

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 7/2018

‎Koreen Dhaabbii Dhimmoota Haqaafi Bulchiinsa Gaarii Mana Maree Magaalaa Finfinnee AMN daawwachuun Hoji raawwachiistotaafi gaggeessitoota AMN waliin mari’ateera.

‎Korichi gabaasa raawwii hojii AMN kurmaana jalqabaa bara 2018 dhaggeeffateera.

‎AMN Waliinga’iinsa qabiyyee irratti hojiiwwan hojjatame kan nama ajaa’ibsiisan tahuu miseensotni Koree dhaabbii kunneen kaasaniiru.

‎Qophiiwwan AMN filmaatilee miidiyaa garaa garaan akka hordofan miseensotni kunneen kaasanii, caalaatti miidiyaa magaalota Obbolaa jedhamanii waamaman biyyoota biroo keessa jiran irra gahuuf cimanii akka hojjatan yaadachiisaniiru.

‎AMN dorgomaa ta’aa jiraachuu kaasuun kanaaf ammoo qindoominni hojjataafi gaggeessitoota jidduu jiru agarsiistuu akka ta’e kaasaniiru.

‎AMN filmaatilee miidiyaa garaa garaan hawaasa bira qaqqabaa akka jiru kan dubbatan Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa, AMN qabiyyee, haala dhiyeessii, teekinooloojii fi humna namaatiin akkuma maqaa isaa Sagalee Dhalootaa ta’uun hojjataa akka jiru ibsaniiru.

‎AMN Sagalee Dhalootaa ta’uu kan ittiin agarsiise tokko qophii barnootaa barattoota ittiin barsiisu tahuu eeruun AMN hojii jajjabeessaa hojjataa jiru kana daran cimsee itti fufuun Miidiyaa dorgomaafi filatamaa ta’uuf galma qabate milkeessuuf akka hojjatu dubbataniiru.

‎Hojiiwwan gaazexessummaa qorannoo, qophiilee kallattiin hojjataa jiraachuu kaasuun fuulduraaf ammoo kana dokumentariin jabeessee itti fufuuf karoorsuu himaniiru.

‎Hojiin AMN hawaasa keessatti jijjiirama qabatamaa mul’isaa jiraachuu ibsuun mootummaafi uummata jidduutti riqicha ta’uu itti fufuun guddina gama hundaan karoorfame galmaan gahuuf akka miidiyaatti gahee isaa kan duraanii caalaa bahachuu akka itti fufu beeksisaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply