MM Abiyyi Ahimad (Dr) baatiiwwan Adoolessaafi Hagayyaatti hojiilee ajandaa misoomaa Itoophiyaa saffisiisan raawwataniiru- Waajjira Ministira Muummee

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (Dr) baatiiwwan Adoolessaafi Hagayyaatti hojiilee ajandaa misoomaa Itoophiyaa saffisiisan raawwataniiru- Waajjira Ministira Muummee

AMN PLUS- Hagayya 26/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Ji’oottan Adoolessaa fi Hagayya 2017’tti hojiilee ajandaa misoomaa Itoophiyaa saffisiisan dhugoomsuuf, tarsiimoo ijoo, raawwii pirojektii biyyoolessaa gurguddoo fi waliigalteewwan ijaarsa pirojektiiwwan garaa garaa xiyyeeffannoon raawwatamuu isaanii ‎ Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

‎Ji’oottan lamaan darban waliigaltee warshaa oomisha xaa’oo yuuriyaa Doolaara Biiliyoona 2.5tti tilmaamamuun hundeessuuf taasifame dabalatee hojiiwwan itti fufinsaan raawwataman hojjetamuu isaa waajjirichi ibseera.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) hojiiwwan baatii kana keessa hojjetaman keessaa pirojektii misooma koridoorii Inxooxxoo-hanga Pilaazaa kiiloo Afuriitti hojjetaman miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa waliin akka eebbisan Waajjirichi eereera.

‎Naannoon kun jijjiirama ajaa’ibaa kan argamsiise yoo ta’u, daandii miilaafi biskileettii ibsaa daandii cinaa kan fooyya’ee fi suuqiiwwan ammayyaa kan akka giddu gala gabaa uffata aadaa kan of keessaa qabu akka ta’e ibsameera.

‎Pirojektiin misooma koridoorii kun iddoo daa’imman itti taphatan, dirree kubbaa miilaa fi ijaarsawwan tajaajila hawaasaaf oolanis akka of keessa qabu caqasameera.

‎ Pirojektiin kun magaalaa keessatti naannoo jijjiiramni ajaa’ibaa itti mul’ate ta’uu odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa Waajjira Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Pirojektii Misooma qarqara Laggeen Magaalaa Finfinnee daawwachuun isaaniis akkasuma ibsameera.

‎ Pirojektiiwwan kunneen yeroo ammaa kutaa magaalotaa shan keessatti kan hojjetamaa jiran yoo ta’u, kiiloo meetira 21.5 kan dheeratan daandii miilaa fi daandii biskileettii, pilaazaawwan uummataa, bakka dhaabbii konkolaataa bakka tapha daa’immanii, suuqiiwwanii fi tiyaatara Amfii hedduu of keessaa akka qabus hubatameera.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) pirojektiiwwan gurguddoo magaalaa Hawaasaa, Arbaaminci, Walaayittaa Sooddoo fi Asoosaas daawwataniiru.

‎ Daawwannaa pirojektiwwan gurguddoo biyyatti wal-duraa duubaan taasisan, Giifti Duree Zinnaash Tayyaachaw dabalatee qondaaltota mootummaa olaanoo waliin ta’uun Giddugala Konveenshinii misooma Koridoorii VIP Goorootti argamus daawwataniiru.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ji’a Adoolessaa fi Hagayya 2017 naannoolee biyyattii adda addaatti adeemsa pirojektoota biyyoolessaa gurguddoo gamaaggamuun raawwii isaanii saffisiisuuf kallattii kennaniin milkaa’inni kun dhufuu isaa ibsi fuula miidiyaa hawaasaa Waajjira Ministira Muummee irraa bahe ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply