AMN Plus- Onkololeessa 19/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad Godina Shawaa Bahaatti Sassaabbii oomisha Qamadii Qonna gannaa daawwachuun qonna qamadii jallisii bonee eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Qonni Mekaanaayizeeshiniin deggerame guddachaa akka jiru ibsaniiru.
Ministirri Muummee daawwannaa isaanii Kanaan qonna qamadii gannaatiin milkaa’ina argaman gamaaggamuun, hojii qonna qamadii bonaa jalqabsiisuuf gamaaggama taasisaniin bu’aan akka argame eeran.

Qonni bifa barameen taasifamu ammallee jiraatus qonna bal’inaan hojjachuuf hojiin mekaanaayizeeshinii dandeessisu, oomishtummaa fi ga’umsa naannichaa dabalaa akka jiru ibsaniiru.
“Hojiin kun osoo waggoota muraasa dura eegalamee, eessa geenya turre?” jechuun kan gaafatan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), ammas gargaarsa alaatiin osoo hin taane, “jijjiiramni Itoophiyaa kan gaggeeffamu cichoomina, kalaqaafi ifaajjii keenyaan” jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ibsaniiru.