AMN PLUS- Mudde 25/2017
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) Naannoo Somaaleetti Piroojektii misooma Jallisii Lixa Godee daawwataniiru
Waggootaan dura gara Godee dhufeen ture. Sanaa as hojiileen misoomaa hojjetaman jajjabeessadha jedhan.
Murannoon hojjechuu kan qabnu misoomarratti ta’uu qaba.
Daandiin kun carraalee kan banan, sadarkaa jireenyaa kan jijjiiranii fi hawaasa kan ceesisaniidha jedhan.
Piroojektiin Jallisii Lixa Godee gammachuu addaa natti uumeera.
Lafti duwwaa fi gammoojjii ture oomishalee garaagaraan uwwifamuun kan abdii namatti horuudha jechuun ibsan.