“Olola sobaaf gurra osoo hin laatin warri misooma cinaa dhaabattan galatatu isiniif mala” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Olola sobaaf gurra osoo hin laatin warri misooma cinaa dhaabattan galatatu isiniif mala” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN Plus- Onkoloolessa 16/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaamolee Misooma Kooriidarii Marsaa 2ffaan kallattii afuriin ijaaraman milkeessuu keessatti qooda olaanaa bahataniif sagantaa galateeffannaa qopheesseera.

Kooriidariiwwan Addababa’ii Masqalaa-Magganaanyaa-Saawuzgeet, Gaaraazhi Ambassa-Gooroo, CMC-Daandii Terminaala VIP akkasumas Saarbeet-Addababa’ii Jarman-Furii marsaa 2ffaan kan xumuraman ta’uu Kantiibaa Adaanech eeraniiru.

“Kaka’umsa hojii olaanaadhaan hojjettoota halkaniifi guyyaa hojjetaa turan, hoggansa magaalaa haga aanaa, koontiraaktaroonni, gorsitoonni, waldaaleeniifi tola ooltonni galatatu siniif mala” jedhaniiru Miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Keessumaa jiraattonni magaalichaa marti olola sobaaf gurra osoo hin laatin, warri misoomaaf kaafamanis ta’ee warri hin kaafamne, misooma waloof tumsuu eeran.

Hojjettootaaf buna danfisaa, bishaan kennaa milkaa’ina pirojektootaaf gumaacha hawaasni taasiseef galateeffataniiru.

Misooma Kooriidarii Finfinnee marsaa 2’n gaggeeffameen daandii lafoo KM 342, daandii konkolaataa KM 185, daandii biskileetii KM 241 ijaarameera.

Akkasumas bakkee tapha daa’immanii 101, olmaa ispoortii 155, bakka dhaabbii konkolaataa mijaawaa 155, mana qulqullinaa uummataa 210, ibsaan daandii, bu’uuraaleen tajaajila hawaasaa kennan hedduun ijaaramuus eeraniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply