AMN PLUS – Muddee 26/2017
Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa fi Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dhimmoota fayyaa naannichaa haala daran itti cimsan irratti mari’ataniiru.
Marii isaanii keessatti tajaajila fayyaa ummataaf kennamu fooyyessuu fi haala itti balaa tasaa hawaasa mudataniif deebii kennuun danda’amu irratti qindoominaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Sagantaalee fayyaa biroo fi sirna fayyaa waliigalaa cimsuu irrattis marii bu’a-qabeessa taasisuu isaanii Ministeera Fayyaa irraa odeeffanne.