AMN PLUS- Amajjii 21, 2017
Piirimeerliigii Itooohiyaa morkiiwwan hawwataan hoo’ee itti fufeera.
Torbee 17 ffaa liigichaan har’a sa’aatii 9:00 irratti Walaayittaa Diichaan Qiddus Goorgis waliin yoo taphatu
Sa’aati 12:00 tti ammoo Bunni Itoophiyaa Magaalaa Bahaardaariin morkata.
Liigichaan qabxii 25 qabatee sadarkaa 4 ffaa irratti kan argamu Q/Goorgis tapha kana kan injifatu yoo ta’e garagarummaa Itoophiyaa Madin waliin qabu ni dhiphisa.
Bifuma walfakkaatun Walaayittaa Diichaa fi Bunni Itoophiyaas morkii kana irraa qabxii sadi yoo milkeessan sadarkaa isaanii ni fooyyeessu.
Piriimeerliigii Itoophiyaan taphoota hanga ammaa gaggeeffameen tapha 14 taphatee qabxii 29 kan walitti qabate Itoophiyaa Madin yoo dursu,Machaal qabxii 27, Hadiyyaa Hosaanan qabxii 26’n itti aana.
Tapha 14 irratti hirmaate irraa qabxii 4 qofa kan argate Yuunivarsitiin Walwaalloo Adigiraat ammoo sadarkaa 18 ffaa irra taa’eera.