AMN – Onkololeessa 25/2017
Pirofeesar Alaan Liiktmaan jedhamu; barreessaa Seenaa yoo ta’an filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa 10 darban keessaa 9 sirriitti tilmaamuu isaaniitu himama.
Dorgommii pireezidaantummaa Ameerikaa gaggeeffamaa jiru irratti itti aantuun pirezidaant Kaamalaa Haariis pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp akka injifatu Liiktmaan dubateera.
Bu’aa filannoo pirezidaantii 10 keessaa 9 darban sirritti tilmaamuun kan beekamu Liiktmaan CNN’f yaada kennaniin, kaadhimamtuun paartii Dimookiraatotaa Haaris dursi bulchiinsa dirree falmii keessatti qabu xiqqaachaa fi carraa injifanno filannoowwan durfamee dhihaatu keessatti gadi aanaa ta’us tilmaamni isaanii hin jijjiiramne.
Alaan Liiktmaan filanno bara kanaa ilaachisee tilmaama isaa Fulbaana darbe dhiyeessen, Kaamalaa Haaris cinaa dhaabbachuun akka injifatus dubateera.
Barreessan Seenaa kun tilmaama isaatiif qabxiiwwan gurguddo injifannoof nigargaaru jedhan 13 akka fayyadaman ibsameera.
Bara filanno 2016 irratti Doonaald Tiraamp duula filanno isaarratti saala waliin walqabsiisun hamilee dubartoota cabsuuf yaaluu fi kabaja gad aanaa agarsiisun, namooni baay’een injifatamuu danda’a jechuun yoo shakkaniyyuu jalqabumaa kaasee akka injifatu tilmaameera. Haluma kanaan dhumarratti injifannoon kan Tiraamp ta’uu isaa yaadachiiseera.
Tilmaamni Liiktmaan kan hin milkoofne isaa bara 2000 yeroo Dimookiraat filannoo Ameerikaa ni injifata jedhe ture qofa.
Tolasaa Mabraateetu gabasee