Pirojektootni hojjetamaa jiran imala Badhaadhina Itoophiyaa akka agarsiisan ibsame

You are currently viewing Pirojektootni hojjetamaa jiran imala Badhaadhina Itoophiyaa akka agarsiisan ibsame

AMN PLUS- Onkololeessa 14/2018

‎”Pirojektootni hojjetamaa jiran imalli Itoophiyaan Badhaadhina dhugoomsuuf taasisaa jirtu daandii sirriirra jiraachuu kan agarsiisanidha” jedhan Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Gamaaggama Raawwii Dinagdee Gooroo Guyyoota 100 jalqabaa bara 2018 ilaalchisee Hidha Koyishaatti Ministiroota waliin marii taasisaniiru.

‎Marii kanarrattis, rakkoolee uumamaa fi nam-tolchee dandamachuun abdii jijjiirama arguu fi badhaadhina arguu gonfachuun galma badhaadhinaa qabame dhugoomsuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa gaggeessummaa sirrii tahuu Ministirri Qonnaa Obbo Addisuun kaasaniiru.

‎”Pirojektoota yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuruun aadaa ta’aa dhufeera” kan jedhan Obbo Addisuu Araggaa, kunis aadaan hojii haaraan akka uumamu taasisuu dubbataniiru.

‎Pirojektootni kanneen akka warshaa xaa’oo eegalamuun immoo biyya keenya gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti cehuun imala taasisaa jirtuuf galtee guddaa tahuu eeraniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply