Raayyaan Ittisa biyyaa raayyaa ummataa nageenya Itoophiyaa mirkaneessaa jirudha jedhan Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Ayyaanni hundeeffama wagga 47ffaa Ajaja 47ffaa Istaadiyeemii Naqamteetti kabajamaa jira.
Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa, Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantiin mootummaa Beeniishaangul Gumuz Ashaadlii Hasan Itaamaajoor Shuumii Itti aanaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, ajajaan Izzii Lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat, qondaaltonni Jeneraalaa olaanoo fi miseensonni hooggansaa biroon saganticharratti argamaniiru.
Qindeessaan kilaastara baadiyyaa fi hoogganaan biiroo qonnaa naannoo Amaaraa Diras Saahiluu (Dr.) akkasumas jiraattonni magaalaa Naqamtee saganticharratti hirmaataniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaa wayita kana akka jedhanitti, nageenyi waaraan naannichatti akka mirkanaa’uu fi misoomni akka raawwatamu gumaachi raayyaa ittisaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa aarsaa olaanaadhaan nagaa mirkaneessaa kan jiruu fi raayyaa ummataa ta’uusaa ibsanii, hojii hojjechaa jiruufis maqaamootummaa naannichaa fi maqaasaaniin galateeffataniiru.
Ajajni lixaa gaachana ummataa ta’uun gootummaa olaanaadhaan biyya tajaajilaa akka jiru dubbataniiru. TOI