Rakkoo Nageenyaa Naannoo Tigraayitti uumame furuuf hundumtuu qooda fudhachuu qaba -Obbo Geetaachoo Raddaa

You are currently viewing Rakkoo Nageenyaa Naannoo Tigraayitti uumame furuuf hundumtuu qooda fudhachuu qaba -Obbo Geetaachoo Raddaa

AMN PLUS- Bitooteessa 4/2017

Rakkoo Nageenyaa Naannoo Tigraayitti uumame furuuf hundumtuu qooda fudhachuu akka qabu Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi Obbo Geetaachoo Raddaa waamicha dhiyeessaniiru

Obbo Geetaachoon dhimma yeroo Naannoo Tigraayi irratti Magaalaa Finfinneetti midiyeef ibsa kennaniiru.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraayi kan hundeeffame waliigaltee Piritooriyaa irratti hundaa’uun Mootummaa Federaalaa fi TPLF waliin waan ta’eef rakkoolee naanichatti mudatuuf Mootummaan Federaalaa waamichaa kan eeggatu akka hin taane obbo Geetachoon ibsaa isaanii keessatti kaasaniiru.

Obbo Geetaachoon akka ibsanitti Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraayi kan hundeeffame fedhii Mootummaa Federaalaa irratti bu’ureffatee kan hundaa’ee waan ta’eef bulchiinsi naannichaa yeroo balaa isa mudatu mootummaan federaalaa balaa kan qolachuun irraa eegama jedhaniiru.

Naannoleen biroo biyyattii keessa jiran hundi dandeetti rakkolee isaan mudatu waan qabaniif waan hudaa ofii isanii raawwachu kan danda’an yoo ta’u yoo rokkoon Mootummaa Naannoo ol ta’u uumame mana mare isaa waamee akka Mootummaan Federaaala giddu galuf waamicha dhiyyeessu ni danda’a jedhaniiru.

Haata’u male, Naannoo Tigraayitti akka nannolee biroo mana mare walitti qabuun murtoo waamichaa gaggeessuun hindanda’amu. Kanaafuu Mootummaa Federaaalaa dabaltee qqamni hunduu rakkolee uumaamaa jiruuf dirqa gidduu galuu akka qabu obbo Geetaachoon hubachiisaniiru.

Toolosa Mabraateetu gabaasee.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply