Shakkamtuun kookeenii ‘moodeesii’ keessa dhoksuun dabarsuuf yaalaa turte to’atamte

You are currently viewing Shakkamtuun kookeenii ‘moodeesii’ keessa dhoksuun dabarsuuf yaalaa turte to’atamte

‎AMN PLUS- Bitootessa 10/2018

‎Shakkamtuun kookeenii dabalatee qorichoota sammuu adoochan dhoksaan dabarsuuf yaalaa turte Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti to’annoo jala ooluun ibsame.

‎Dubartiin lammii Yugaandaa Mukisaa Siteellaa jedhamtu kookeenii giraama 500 ta’u moodeesii dubartootni ittin qulqullina eeggatan keessatti qabachuun dabarsuuf osoo yaaltuu to’annoo jala oolteetti.

‎Xiyyaarri shakkamtuu kana fe’uun magaalaa guddoo Maalaawii Lilongee irraa ka’ee gara Filiippiinsi Maaniilaatti imalaa ture Kun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleen kan darbu yoo ta’u, sakatta’iinsaa fi to’annoo cimaa ogeeyyiin Nageenya Aviyeeshinii, qindoomina Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa akkasumas qooda fudhattoota biroo waliin taasisaniin shakkamtuun to’atamuun akka danda’ames ibsameera.

‎Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa shakkamtuun akka qoratamtuuf Poolisii Federaalaatti dabarsee kennuu isaanii odeeffannoon AMN’f ergan ni agarsiisa.

Gama biraatiin xayyaara Landan irraa ka’uun Kara Buufata Booleetiin Keeniyaatti balali’aa ture keessatti jimaa goggogaan Kg 86, akkasumas xayyaara Itaalii Miilaan irraa karaa Buufata Booleetiin gara Koongoo Kiinshaasatti balali’aa ture keessatti jimaan kg 17.5 karaa seeran alaatiin osoo dabarfamuu Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaatti ogeeyyota aveeshiniitiin to’annoo jala ooluun isaa ibsameera.

‎Itoophiyaan biyyoota Afrikaa hedduudhaaf bakka ce’umsaa ta’uu bira darbee, haala nageenyaa Baha Giddu Galeessaa hordofuun tajaajila geejjibaaf daddabarsa wantota seeran alaa to’achuuf qophiin gahaan akka taasifames ibsameera

‎Itti fayyadamni teeknooloojiiwwan sadarkaa olaanaa, ijaarsa humna namaafi hojimaata iftoomina qabu diriirsuun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti baala sammuu namaa hadoochuu fi wantoota seeraan alaa biroo sadarkaa olaanaadhaan to’achuu akka danda’ameefi gara fuuldurattis hojimaata diriirfame cimsee kan itti fufu ta’uu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa odeeffannoo AMN’f ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply