Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisa- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

You are currently viewing Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisa- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

AMN PLUS – Caamsaa 05/2017

Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf tumsa biyyootaa akka barbaachisu Daarektarri Jeneraalaa Tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Walgahiin naanowaa Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa mata duree “tumsa odeeffannootiin nageenya naannichaa jabeessuu” jedhuun Finfnneetti taa’amaa jira.

Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, biyyoonni miseensa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Bahaa, Gamtaan Afriikaa fi bakka bu’oonni biyyoota garagaraa irraa dhufan saganticharratti argamaniiru.

Daarektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo Nageenyaa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, shororkeessummaan, yakkoonni daangaa qaxxaamuran, haleellaan Saayibarii fi, walitti bu’iinsi yaaddoo naannichaa ta’uun itti fufaniiru.

Yaaddoon nagaa fi tasgabbii naannichatti mul’atan ga’umsaan qolachuuf dhaabbilee nageenyaa biyyootaa odeeffannoo walii qooduun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kana malees dhaabbiileen tumsa cimaa uumuun nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Tajaajilichi nagaa fi tasgabbii naannichaaf qoodasaa bahaa akka jiru ibsanii, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran biroo qolchuuf riifoormii taasisuusaa ibsaniiru.

Bakka bu’aan dura taa’aa komishinii gamtaa Afriikaa fi hoogganaan Muummee Gamtichaa Ambaasaaddar Mohaammad Iil Amiin, gamtichi yeroo murteessaa ta’etti nagaa fi tasgabbii naannichaarratti mari’achaa jira jedhaniiru.

Haleellaa Saayibarii, tasgabbii dhabuu Siyaasaa fi shororkeessummaa qolachuuf tumsi barbaachisaadha jedhan.

Kanaaf odeeffannoon cimaan biyyoota naannichaa jidduu jiraachuu akka qabu dubbachuusaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply