AMN- Mudde 03/2017
Duulli Talaallii Ittisa Dhibee lamsheessaa daa’immanii marsaa 2ffaa Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti eegalame.
Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee duula talaallii ittisa dhibee lamsheessaa daa’immanii marsaa 2ffaa, kutaa Magaalaa Lammii kuraa Buufata Fayyaa aanaa 2tti eegalchiseera.
Hoggaanaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee
Dr Mulugeetaa Indaalee talaalli ittisa dhibee lamsheessaa duulaan kennamu daa’imman Wagga shanii gadii akka fudhataanif hawaasnifi qooda fudhattootni hundi tumsuu akka qaban dhaamaniiru.
Talaallichi guutummaa magaalichaatti daa’immaan umriin isaanii Wagga Shan fi isa gadiif kan keenamu yoo ta’uu, Mudde 3 hanga 6 Bara 2017tti keennamas jedhame.
Leensaa Hordofaatu gabaase.