Warshaan Warqii Kumruuk Baha Afrikaatti isa guddicha ta’a- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Warshaan Warqii Kumruuk Baha Afrikaatti isa guddicha ta’a- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Hagayya 18/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Warshaan Warqii Kumruuk Baha Afrikaa keessatti isa guddaa ta’uu danda’a jedhan.

Warshaan kun naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti kan argamu yoo ta’u, kiiloo meetira 20 dheerata.

Warshaan kun bara dhufu hojii akka eegalu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) beeksisaniiru.

Naannichi qabeenya Warqee bal’aa akka qabu kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, bara darbe daawwannaa keenya irraa eegalee guddinni argine jajjabeessaadha jedhaniiru.

Pirojektichi guutummaa guutuutti yeroo xumuramu guutummaa naannichaa ni jijjiira jedhan.

Pirojektoonni akkanaa pirojektoota biroo waliin ta’uun ijaarsa badhaadhina biyyaalessaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas albuudni misooma damee hedduu keessatti damee ijoo ta’ee itti fufa jedhaniiru.

Warshaa kana keessatti lammiilee kumaatamaan lakkaa’amaniif carraan akka uumamu kan ibsan Ministirri Muummee, warshaa baay’ee ammayyaa ta’uu ibsaniiru.

Warshaan Warqee Kumruuk walakkeessa bara dhufuu booda gara oomishaatti akka seenu eeraniiru.

Warqeen bara sana booda oomishamu pirojektii guddaa waggaatti hanga doolaara Ameerikaa biiliyoona tokkoo kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply