Rakkoo nageenyaa dursanii to’achuun bu’aan guddaan argameera- Komishiinar Geetuu Argawu

You are currently viewing Rakkoo nageenyaa dursanii to’achuun bu’aan guddaan argameera- Komishiinar Geetuu Argawu

‎AMN PLUS – Sadaasa 13/2018

‎Qaamolee rakkoo nageenyaa uuman dursanii to’achuun bu’aan argame olaanaa akka ta’e Ajajaan Waliigalaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argawu ibsan.

‎Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eeguuf qaamoleen nageenyaa gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru.

‎Poolisiin Magaalaa Finfinnee riifoormii bu’a qabeessa taasisaa akka jiran kan ibsan Komishiinar Geetuun, “akaadaamiin poolisii gara koolleejiitti guddachuunisaa agarsiiftuu tokkodha” jedhan.

‎Dhaabbatichi hojimaata isaa teeknooloojiin deeggaruu fi hirmaannaa uummataa cimsuun yakka hir’isuun akka danda’ame eeruun, qaamolee rakkoo uumuf socho’on dursanii to’achuun bu’aa boonsaan akka argames ibsaniiru.

‎Komishiinar Geetuun Poolisoota dandeettiin gahoomsuuf wiirtuu leenjii Koolleejjii Poolisii sadarkaa kanaan qaamolee gahan galateeffataniiru.

‎Eebbifamtoonnis seera bu’uura taasifachuun hawaasa isaanii kutannoon tajaajilu akka qaban habachiisaniiru.

‎Qajelcha Waliigalaa Poolisii Itoophiyaatti Ajajaa Itti Aanaan Damee Ittisa Yakkaa Komishiinar Malaakuu Faantaa gamasaaniin miseensonni poolisii bakka itti bobba’anitti nagaa hawaasaa eeguun hojiin misooma akka itti fufuu taasisuu qabu jedhaniiru.

‎Carraa barnootaa Koolleejjii Poolisii keessatti argatan kana fayyadamuun nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eegsisuun akka barbaachiisus dubbataniiru.

‎Misooma Magaalaan Finfinnee hojjechaa jirtu kana sadarkaa fooyya’aan itti fufsiisuuf gaheen qaamolee nageenyaa murteessaa akka ta’es ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply