Waltajjiin Gumii Balal marsaa 47ffaa mata duree “Waliigaltee Dimokiraatawaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun geggeeffamaa akka jiru BKO’n ibseera.
Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa Gumiin Balal gumiiwwan ijoo sirni Gadaa ijaare gaaddisa ajandaa dubbii jabduun sabaa irratti ilaalamuufi akka duudhaa Oromootti xiyyeeffannoon gumii kanaa qajeelchuu, hubachiisuufi sirneessuu ta’uu himaniiru.
Gumiin marsaa kanaas guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa ajandaa ijoo biyyaalessaa ta’e ka’umsa taasifachuun imala ijaarsa biyyaa waliigaltee dimokiraatawaa uumuuf taasifamaa jiru irratti xiyyeeffachuun geggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itoophiyaan aarsaa wareegama qaalii kaffalamaa dhufeen qormaatota sirni qeenxee uume injifachaa walwaraansaafi boodatti hafummaa moo’achaa gara ce’umsa sirni dimokiraasiitti imalli taasisuu eegalte abdiirraa gara ifa qabatamaatti ce’aa jiraachuu himaniiru.
Mareen biyyaalessaa rakkoowwan qormaata keessoof akka falaatti abdatamee jiru taasifamaa jiraachuu jiraachuu eeraniiru.
Mareefi marabbaan dhiifamaafi araaraan dabaalame qormaata idaa bule furuuf furmaata abdachiisaa ta’uu kaasaniiru.
Akka naannoofi biyyaatti imalli jalqabnee jirru qormaata seenessa qeenxee injifachuun seenessa walootiin biyya hundaaf taatu hundarraa hundaan hundaaf ijaaruu ta’uu dubbataniiru.
Galma guddaa sirna federaalizimii sabdaneessaaf bu’uura amansiisaa kaa’u kana ijaaruun dhamaatii hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru.
Mareen Gumii Balaliin gaggeeffamaa jirus galmoota kanneen dhugoomsuuf dogoggooroota darban sirreessuu, ijaarsa sirnaaf galtee yaadaa dhiyeessuu, beekumsaafi hubannoon karaa duudhaa ganamaan masakameen egeree ijaaruuf hayyoonni bilchina yaadaa olaanaan kan irratti mari’atan ta’uu Obbo Haayiluun ibsuu isaanii odeeffannoon BKO irraa argame ni mul’isa.