Ijoolleen hundeessitoota Gamtaa Afrikaafi leellistoota Paan Afrikaanizimii Goda Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwachaa jiru.
“Adawaan mallattoo injifannoo Itoophiyaanotaa, ifa bilisummaa biyyoota Afrikaafi bu’uura Paan Afrikaanizimii” jedhamuun ibsama.
Itoophiyaanis seenaan dhaabbataa kun siidaa ta’uun dhalootaa dhalootatti darbee akka yaadatamuuf yaadannoo ijaartee akka kabajamu taasisaa jirti.
Daawwannaa kana irratti intala Pirezidaantiifi abbaa bilisummaa Gaanaa Kuwaamee Nikuruumaafi hundeessitootni Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii Gamtaa Afrikaa ammaafi leellistootni Paan Afrikaanizimii kanneen biroo argamaniiru.
Tamasgeen Yimartu gabaase