Leenjiin hoggantoota sadarkaa Aanaa qabiyyee “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Bu’aawwan Dameelee” jedhuun Finfinneetti kennamaa ture milkiin goolabamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Hoggansi sanadoota leenjii dhiyaataniifi daawwii dirreetti taasise dabalatee gahumsa gabbifachuun, muuxannoo wal jijjiiruun kan ittiin wal irraa baratte akka ta’e kaasaniiru.
Leenjichi hubannoo hooggansaa bal’isuurra darbee galmaafo milkaa’ina haaraaf kan qopheessuufi kaka’umsa kan uume ta’uu eeraniiru.
Kantiibaa Adaanech yeroo itti aanutti hoggansi waan leenji’e hojiitti jijjiiruun qormaata gara carraatti gedderuun galma Badhaadhinaa hunda galeessa qabame milkeessuuf aadaa hojii fooyya’aa 24/7tiin torban guutuu sa’aatii 24 hojjachuun tajaajila uummataaf kennamurratti haqummaa mirkaneessuufi daran dabaluun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Fedhii misoomaa jiraattota Finfinnee dabalaa adeemuufi gaaffii bulchiinsa gaarii barootaaf kuufame furuuf hoggansi of qopheessuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Kana milkeessuuf ammoo adeemsa kalaqaafi saffisaa keessa darbuun akka barbaachisu waliigaltee irra gahamuu ibsaniiru.
Keessumaa toorota xiyyeeffannoo adda baafaman kanneen akka Qonnaafi Cehumsa Baadiyyaa Biyyaalessaa, damee Indastirii, dameewwan tuurizimii fi Misooma magaalaan guddina galmeessisuuf haoggansi gahee irraa eegamu akka bahatu taasisuuf waliigaltee waloorra gahuurratti waltajjiin leenjii kanaa milkaa’aa ta’uu beeksisaniiru.
Qajeeltoo “kalaqaafi saffisaa” addaan hin citneen hojjachaa badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina” jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.