“Koo kanuma jedhee abdii kutachuu akka hin qabne Odaa Award na barsiiseera” Gaazexeessituu Bashaatuu Tolamaariyaam

You are currently viewing “Koo kanuma jedhee abdii kutachuu akka hin qabne Odaa Award na barsiiseera” Gaazexeessituu Bashaatuu Tolamaariyaam

‎AMN PLUS- Sadaasa 29/2018

‎Ka’umsa xiqqootti yoo fayyadaman gara guddaatti deemuun akka danda’amu Hundeessituu Badhaasa Odaa, Bashaatuu Tolamaariyaam himte.

Gaazexeessituu Bashaatuun turtii AMN PLUS “Qophii Kaaribuu” waliin taasisteen Odaa Award waan xiqqaarraa ka’ee amma artiistota urjii Afriikaa harkisuu eegaluu himti.

Dhugumattuu Wellistuun gameettii Maalii Oomaa Sangaaree waltajjicha irratti hirmaachuuf kaleessa galgala Finfinnee seenuun, har’as Daandii Qilleensaa Itoophiyaa daawwachaa oolteetti.

“Ofii koo Bashaatuu waanan ta’eef Oromiyaarraa ka’ee, Itoophiyaarra darbee hanga Afrikaatti waanan ce’eef akka addunyaatti hojjechuuf waanti na daangessu hin jiru” jette Bashaatuun.

‎Odaa Award yeroo jalqabaa Afaan tokkichaan, damee muuziqaafi Fiilmii 2 qofa qabatee akka jalqabe kan himtu Bashaatuu Tolamaariyaam, booda waggaa waggaadhaan damee adda addaa dabaluun sabaaf sab-lamootaa karaa hirmaachiseefi marsaa 7ffaa irraa kaasee gara biyya alaatti akka ce’e kaaste.

‎Waggaa 2’n darban keessatti namoota 30 ol ta’an biyyoota Afriikaarraa dhufanii beekamtii akka argatan himteetti.

‎Bara kana immoo muuziqaa qofa irratti xiyyeeffannoo gochuudhaan biyyoota alaafi keessaa Afaan Oromootiin alatti kan sabaaf sab-lamootaa 7 ol ta’aniif beekamtii kennuuf qophaa’anii akka jiraniifi biyyoota Afriikaa 10 ol irraa akka irratti hirmaatani dubbatte.

‎Namoonni dhufan kunis Finfinnee guutuu ilaalanii Itoophiyaan akkamitti akka nama simattu waan arganiif haala miidhagaan simachuufi tursiisuuf hojjetamuu kaaste..

‎”Finfinneen amma kan itti qaanofnu miti, kan itti gammannuufi biyyikoo kana fakkaatti jennee mataa keenya ol qabne itti kan agarsiifnuudha” jechuun dubbatteetti.

‎Artistoota gurguddoo biyyoota biroo as fiduun Artistoota keenyaan wal barsiisuun muuxannoo walii qooddatanii tokkummaan akka hojjetaniif Odaa Award Karaa kan banu ta’uu eerte.

‎Odaa Award marsaa 9’ffaan guyyaa borii Giddugala Konvenshinii Idil-Addunyaa Addisitti akka gaggeeffamu beekameera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply