‎Uummata Gaazaa, dheebuu nagaarratti yaaddoon balaa lolaa dabalameef‎

You are currently viewing ‎Uummata Gaazaa, dheebuu nagaarratti yaaddoon balaa lolaa dabalameef‎


‎AMN PLUS- Mudde 3/2018

‎Waliigaltee nagaa Hamaasiifi Israa’el jidduutti mallatteeffameen uummatni Gaazaa gara dachee Paalastaayinitti deebi’anis yaaddoo biraa keessa galuu isaanii himame.

‎Wixineen karoora nagaa osoo hojirra hin oolin bubbuluun isaa rakkoo ta’ee osoo jiruu balaan uumamaa lammiilee Gaazaatti yaaddoo dabalataa uumeera.

‎Akka ibsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii UN’tti roobni cimaa waqtii gannaa isaanii kanatti roobe yaaddoo hamaa uummata Gaazaa ta’eera.

Diilalli hammaachuu irraa kan ka’e damdamachuu dhabuun daa’imman 2 fi ga’eessotni 3 lubbuu dhabuu isaanii Anaadooluun gabaaseera

‎Rooba cimaa kanaan buufataaleen qubattootaafi gamoowwan kukkufaniiru. Jiraattotni Gaazaa Kuma Dhibba 800 balaa lolaa kanaan akka miidhamuu danda’an yoo ibsamu, hanga ammaatti jiraattotni Kuma 200 fi Kuma 50 ol ta’u balaa lolaa uumameen miidhamaniiru.

‎Maatiiwwan sababaa waraana Hamaasiifi Israa’eliin gargar faffaca’anii turan ammas balaa lolaan bittinnaa’uutu himamaa jira.
‎Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp baatii lama dura, Wixinee Nagaa marsaa jalqabaan dhukaasni akka dhaabbatu labsanis Gaazaatti dhukaasni hin dhaabbanne.

‎Wixinee labsii nagaa hawwiifi yaaddoon osoo eegaa jiranuu, balaan lolaa yaaddoo uummata Gaazaa hammeesseera.

‎Pirezidaant Tiraamp wixinee nagaa marsaa 2ffaan, manneen haaraa ijaaruun, mootummaa haaraan Gaazaa akka bulchuuf wixinanis Hamaas ugguramtoota hundaa gadi hin lakkisne jechuun Israa’el komateetti.

‎Kunis ergama nagaa marsaa 2ffaa Tiraampiin jalqabame duubatti harkisuu akka malu ibsameera.

‎Meeshaa waraanaa lafa kaa’anii, aangoo dhiisuufu dhiisuu dhabuun Hamaasillee qormaata biraa akka ta’e kaafameera.

‎Israa’elis dhimma Gaaza keessaa baatee Raayyaa Tasgabbii Idil-Addunyaatti kennuufi dhiisuun ishee yaada falmisiisadha.

‎“Yaadni falmisiisaan qaama laman bira jiru kun akka anga’ootni gama lamaanii murtoo irra hin geenye shakkii uumeera” jedhu, Ajajaan Israa’el duraanii tokko.

‎Jeneraalli duraanii kun, humni guddaan qaamolee lamaan dirqisiisuun akka fuulduratti tarkaanfata taasisu, Tiraamp qofa” jedhan. Kanaan achi yeroonis deemaa jiraachuu kaasaniiru.

Waraana Hamaas fi Israa’el jidduutti waggoota 2 ta’aniif adeemsifameen jiraattotni Gaazaa Kuma 70 ol ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru. Namootni Kuma 100 fi Kuma 71 caalan ammo miidhamaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply