AMN PLUS – Guraandhala 21/2018
Finfinneen Oomishtootaaf Walitti Hidhamiinsa Gabaa Mijataa Uumteetti Jedhan Kantiibaa Itti Aanaafi Hoogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalatti Obbo Jaanxiraar Abbaay.
Obbo Jaanxiraar Magaalaa Finfinneetti sosochii Itoophiyaan haa oomishtuu marsaa 5ffaan Eksippoo Baazaariifi Egzibiishinii Giddu Gala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti qophaa’een oomishtootaaf walitti hidhaminsni gabaa uumamuu ibsaniiru.
Kaayyoon sosochii kanaa rakkoolee indaastirii oomishaa murteessoo ta’an furuun indaastiriiwwan oomishaa wal dorgomaa misooma itti fufinsa qabu akka galmeessaniif deeggaruu ta’uus eerameera.

Gama biraatiin oomishaafi oomishtummaan akka guddatu, akkasumas Aadaa hojii jijjiiruun hawaasa indaastirii uumuufi itti fayyadama oomisha biyya keessaa guddisuuf hojjetamaa jiruun milkaa’inni argamuus ibsameera.
Kana malees hojiin beekumsa ceessisuufi muuxannoo waliif qooduu guddaan hojjetamuus eerameera. Humna oomishaa indaastiriiwwanii guddisuuf hojii deeggarsaa hojjetameen, guddina diinagdee biyyaa keessatti bu’aan indaastirii oomishaa olaanaa ta’uus himameera. Kanaanis magaalaan Finfinnee Baay’ina indaastirii oomishaa 3900’n ga’uunis eerameera.
Baazaariifi Egzibiishiniin mata duree ‘Itoophiyaan haa oomishtu Finfinneen haa badhaatu’ jedhuun qophaa’e guyyoota 8’f kan gaggeeffame yoo tahuu indaastiriiwwan gara giddu galeessaafi olaanaatti cehaniif beekamtii kennuun goolabameera.
Abdiisaa Fufaatu gabaase