Nu Miti Fardeen Keenya Ni Beeku Bareechanii – Haacaaluu Hundeessaa

You are currently viewing Nu Miti Fardeen Keenya Ni Beeku Bareechanii – Haacaaluu Hundeessaa

AMN PLUS – Guraandhala 21/2018

Seenaa Injifannoo Adawaa Umrii Waggoota 130 Lakkoofsise Keessatti Sabootni, Sablammootniifi Uummattootni Itoophiyaa Kallattii Arfaniin Duuluun Diina Biyya Seenuuf Dhufe Akka Qaama Tokkotti Socho’uun Ofiirraa Qolachuu Seenaa Gootota Kaleessaan Gudunfameetu Dhaloota Har’aaf Dhugaa Baha.

Seenaa Injifannoo Adawaa Keessatti Jeneraalotni 12 Waraanicha Dursan, Lammiileen Itoophiyaa Koorniyaa Lameen Dhiiraafi Dhalaan Duubarra Hiriiran Qaama Injifannoo Boonsaa Waggaa 130 Dura Galmaa’eeti.

Lola Birmadummaa Itoophiyaanota Akka Ardiifi Addunyaatti Lallabe, Faajjii Birmadummaa Itoophiyaanotni Akka Fannisan Taasise Kana Keessatti Fardeen Oromoo Yeroo Sanaa Addatti Bakka Qabaachuu Ragaaleen Garaagaraa Mirkaneessaniiru.

Kanumaaf Natti Fakkaata Seenaa Injifannoo Adawaa Sagaleen Dhaloota Ammaaf Gudunfee Kan Lubbuun Darbe, Indaastirii Muuziqaa Keessatti Kan Maqaas Mataas Qabu Artiistiin Gameessi Gootni Sagalee Kiloolee Sun Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa Sirba Isaa Waa’ee Adawaa Keessatti Gaafa Lola Adawaa, Gaafa Maqalee Sana, Nu Mitii Fardeen Keenya Ni Beeku Bareechanii Kan Jedheef Jechuudha.

Seenaa Injifannoo Adawaa 123ffaa Waggoota 7 Dura Kabajameerratti Yeroo Lubbuun Jiru Gootota Adawaa Warreen Diina Itoophiyaaf Hidhate Dhufe Dhaabiitti Salphisan Aartii Keessatti Yoo Yaadatu Biyyaafi Biyyoo Abbaafi Haadha Ofiif Aarsaa Kaffalamu Haacaaluun Sagaleen Xiinxaleera.

Haacaaluun Hojii Isaa Artii Ganamaan Keessatti Guddateen Gootota Adawaa Gabaabse Yoo Ibsu Qorichoota Itaalii Jechuun Seenaa Keessatti Seenaa Qorachuun Xiinxalees Ture.

Seenessi Qeenxee Citee Seenessi Waloo Akka Dagaaguuf Fuulaa Fuulatti Mootummaa Wayyaanee Waliin Mormatti Wal-Qabaa Kan Ture Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa Keessattu Seeneffamni Injifannoon Adawaa Injifannoo Saba Tokko Fakkeeffamee Leellifamaa Ture Akka Burkutaa’uuf Falmii Yaadaa Ijibbaata Qabu Taasisaa Tureen Har’a Kunoo Yaadannoon Injifannoo Adawaa Finfinnee Birbirsa Goorootti Ijaarame Itoophiyaanota Akkuma Gaafa Lola Adawaa Sana Gaaddisa Tokko Jalatti Walitti Qabuun Waa’ee Aarsaa Injifannoon Deebi’eef Namni Komii Qabu Hin Jiru Jechuun Ni Danda’ama.

Mulatni Aartiistichaa Dhugoomee, Hiika Godhatee Arguun Seenaa Injifannoo Adawaa 2ffaa Yoo Jedhamellee Gammachuu Guddaadha. Hin Xiqqaatu Jechuudha. Ashaaraa Waloomaa Tahees Waan Itti Fufuuf.

Seenaa Rirmi Hin Nyaatu. Injifannoon Adawaa 130 Lakkoofsiseera. Aartiistiin Gameessi Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa Ammoo Waggaa Torban Har’aa Finfinneetti Oolmaa Gootota Kaleessaa Finfinnee Hanga Maqaleetti Sirriitti Yaadateera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply