Fooramii Damee Ijaarsaa Itoophiyaafi Kooriyaa Kibbaa Magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jiraachuu ibsameera.
Dhaabbileen ijaarsaa Kooriyaa Kibbaa qulqullina hojiitiin beekaman gara hojiitti akka seenaniif mootummaan deeggarsa taasisuuf kutannoo akka qabu Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektarri Olaanaan Dhimmoota Baha Giddu Galeessaa, Paasifikiifi Eeshiyaa Ambaassaadar Dawaanoo Kadir ibsan.
Waldaan Ispeeshaalistii Kooriyaa Kibbaa Itoophiyaa keessatti damee ijaarsaa irratti hojjachuuf fedhiin mul’ise kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Walta’iinsi daldalaa biyyoota lamaanii fayyadamummaa itti fufiinsa qabuun guddisuuf damee dhuunfaa fi mootummaa biyyoota lamaanii gidduutti riqicha uumuun akka hojjetamu taasisuun barbaachisaa akka ta’e Pirezidaantiin Itti Aanaa Mana Maree Daldalaa fi Indastirii Itoophiyaa Ayinaalam Abbaayinaa (PhD) dubbataniiru.
Walta’iinsa invastimantii yeroo dheeraa cimsuuf biyyoonni lamaan dameewwan ICT, Manufaakchariingii, ijaarsa, dhiyeessii anniisaa fi kanneen biroo irratti waliin hojjechuun akka danda’amu foramii kanarratti eerameera.
Ayinaalam Abbaayinaatu gabaase