Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee tiiktookarootaafi namoota miidiyaa hawaasummaan dhiibbaa uuman waliin mari’ate.
Hoggantuun Biirichaa Aadde Liidiyaa Girmaa, yeroon kun yeroo dhugaan boodaa waan ta’eef miidiyaan hawaasaa of-eeggannoon faayidaarra ooluu qaba jedhan.

“Yaadaan yeroo waliigallu wantota dhaloota fayyadan irratti xiyyeeffanna” jedhan Aadde Liidiyaan.
Seenessa waliinii ijaaruun duudhaafi aadaa Itoophiyummaa jabeessuun gahee keessan jechuusaanii Biirichi odeeffannoo AMN Dijitaaliif ergeen beeksiseera.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa marii kana irratti hirmaatanis dhalootni waan gaariif kaka’umsa akka qabaatu hojjechuun, dirqama lammummaa isaanii akka bahatan himaniiru.