Galmoota Pirojektii Zeeroo akka magaalaatti qabamanii jiran keessaa tokko Gargaaramtummaafi kadhaa Zeeroo taasisuu akka ta’e Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Har’a ganama Finfinnee, Kutaalee Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Eekkaafi Qiirqoositti bakkeewwan oomishaafi gurgurtaa gamoolee abbaa darbii 4 qaban Afur, jiraattota magaalaa kanaan dura sagantaa Wabii nyaataa (Seefitii Neetii) dhaan hammatamanii hojjataa turaniif dabarsanii kennuu Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.
Fayyadamtootni sagantichaa sochoostota 976 yoo ta’an, intarpiraayizoota 292’n akka gurmaa’an taasifamuullee kaasaniiru.

Kantiibaa Adaanech, bulchiinsi magaalaa Finfinnee carraa hojii uumuun, dhiyeessii bakka oomishaafi gurgurtaan, jireenya lammiilee hiyyuma hammaataa keessa jiraatan jijjiiruufi hiyyuma keessaa baasuun jireenya isaanii bifa waaraan akka gaggeessan taasisuuf hojjatamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota jijjiiramaa muraasa darban keessatti fayyadamtoota sagantaa wabii nyaataa Kuma 520 caalaniif dameewwan garaa garaan carraa hojii uumuun gargaaramuu irraa gara oomshuutti ceesisuu danda’uu hubachiisaniiru.
Warreen carraa hojii isaaniif uumametti fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti gargaaramaa ta’uu irraa gara oomishtummaatti milkaa’inaan ce’an arguun baay’ee akka nama gammachiisu Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

Bakki hojii har’a imaanaan isinitti kennamu kun boru kan obboleewwan keessanii Fuuldurattis kan ijoolleen keessan itti hojjetan ta’uu hubachuun itti gaafatamummaadhaan itti fayyadamuu akka qabanis dhaamaniiru.
Fuuldurattis, ogummaa leenjiitiin argatan hojii isaaniin gochatti jijjiiruun, jabaatanii caalaatti akka milkaa’aniifi fakkeenya kanneen biroof ta’an ergaa dabarsaniiru.