Paartiin siyaasaa ‘Shuum Tambeen’ yaa’ii dhaabbattumnaa isaa jalqabaa kaleessa adeemsisuu isaa beeksiseera.
Shuum Tambeen Adoolessa 23 bara 2017 Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa irraa beekamtii argate.
Yaa’ii hundeeffama Paartii Shuum Tambeen kanarratti Pirezidaantiin Paartichaa, Dura Taa’aan, Miseensootni Koree Giddu Galeessaafi Miseensotni Koree Hoji Raawwachistuu akkasumas Miseensotni Boordiifi Miseensotni To’annoo iddoo Bakka Bu’oonni Boordii Filannoo biyyaalessaa argamanitti filatamaniiru.
Pirezidaantiin Paartichaa Obbo G/Mikaa’el Tasfaayee paartichi caaseffamaan kan naannoo haa ta’u malee bu’uura yaadaatiin sadarkaa biyyaalessaatti kan hojjetu akka ta’e ibsaniiru.
Dabalataanis, mootummaan uummataan filatame jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e naannoo Tigraayitti rakkoon uumamuu ibsuun, kanaafis furmaatni sirriin naannichatti filannoo haqa qabeessa adeemsisuu akka ta’e hubachiisaniiru.
Kanaafis, Naannoo Tigraayitti filannoon itti aanu yeroo qabametti akkasumas seera Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsifamuun qaama furmaataa akka ta’u Paartiin Shuum Tambeen qaama furmaataa ta’uuf gahee isaa akka bahatu ibsaniiru.
Dura-Taa’aan paartichaa Obbo Gooyitoom Waldamaariyaam gamaa isaaniin rakkoon nagaa naannoo Tigraay keessa jiruufi dhiphachuun dirree siyaasaa furuuf hundumtuu naannawa isaatti gurmaa’uun sirni federaalizimii hojiin yeroo mul’atu akka ta’e kaasaniiru.
Naannoo Tigraayitti nagaafi misoomni akka mirkanaa’uuf filannoo dhufutti mootummaan filatame jiraachuu akka qabu eeruun, kanaafis Paartiin Shuum akka hojjatu dubbataniiru.
Yaa’ii hundeeffamaa paartichaa irratti bakka buutotni paartilee siyaasaa, qaamoleen hawaasaa garaa garaafi bakka buutotni Agawuufi dhalattootni Tambeen argamaniiru.
Miruts Tasfaayeetu gabaase