Giddu Galli Leenjiifi Ogummaa Dubartootaa ‘Lenegawa’Dubartoota Leenjii Fudhachaa Turaniif Qormaata Gahumsaa Kenne

You are currently viewing Giddu Galli Leenjiifi Ogummaa Dubartootaa ‘Lenegawa’Dubartoota Leenjii Fudhachaa Turaniif Qormaata Gahumsaa Kenne

AMN PLUS – Guraandhala 19/2018

Giddu Galli Leenjiifi Ogummaa Dubartootaa ‘Lenegawa’ Marsaa 4ffaan Dubartoota Lakkoofsaan Kuma 1 Caalan Leenjisaa Kan Jiru Yoo Tahu Qormaata Gahumsaa Kennuun Kanneen Qormaata Kenname Darban Eebbaaf Qopheessuu Beeksiseera.

Giddu Galichi Dubartoota Kanneen Karaa Aartiin Gahoomsuuf Kallattii Garaagaraan Leenjisaa Turu Ibseera.

Hojiiwwan Aartiin Dubartoota Leenjii Fudhachaa Jiran Gahoomsuuf Biiroon Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Giddu Galicha Waliin Hojjechuun Tumsa Taasiseen Bu’a Qabeessaa Tahuunis Himameera.

Hooggantuun Itti Aantuu Biiroo Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Aadde Lubaabaa Jamaal AMN PLUS’f Yaada Kennaniin Dhaabbilee Namooma Irratti Hojjetan Akka Giddu Gala Leenjiifi Ogummaa Dubartootaa ‘Lenegawa’ Tumsuun Dirqama Hawaasa Keenya Bahachuudha Jedhaniiru.

Aadde Lubaabaan Itti Dabaluun, Hojiiwwan Aartii Dhiyaatan Dubartootni Rakkoolee Hawaasummaafi Xiinsammuu Garaagaraa Keessa Turan Akka Bayyanataniis Akka Of-Ilaalaniis Taasisaan Hubachiisaniiru.

Daayreektarri Daayreektoreetii Kunuunsaafi Deeggarsaa Giddu Galichaa Aadde Xuruwarqi Dabbabaa Gama Isaaniin Dubartoota Leenjii Fudhachaa Turan Gosoota Aartii Garaagaraan Jajjabeessaafi Barsiisaa Turuu Kaasuun Biiroon Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Qooda Bahateef Galateeffataniiru.

Akka Waliigalatti Marsaa 4ffaan Dubartootni Lakkoofsaan 1000 Caalan Leenjii Giddu Galichaan Kennamu Hordofaa Turuu Ibsuun Kanneen Keessaa Lakkoofsaan 900 Kan Caalan Qormaata Gahumsaa Giddu Galichaan Kennamu Darbuun Eebbaaf Qophaa’uu Hubachiisaniiru.

Dubartootni Ogummaa Garaagaraan Leenjii Fudhachaa Turan Kunniin Carraa Hojii Akka Argataniif Dhaabbilee Garaagaraa Wajjiin Walitti Hidhamiinsi Uumamaa Jiraachuunis Ibsameera.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply