AMN PLUS- Guraandhala 19/2018
Magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddu Gala Tokkoo A-Masoobiin kennamu hammantaan dabaluu ibsame.
Daayirektarri Olaanaa A-Masoob Obbo Yoonaas Alamaayyoo, dhaabbileen tajaajila giddu gala tokkoo kanaan maammilootaaf dhaqqabaa turan 13 irraa gara 17tti ol guddachuu AMN Dijitaal’tti himaniiru.
Haaluma kanaan Biiroo Fayyaa waliin ta’uun waraqaa eyyema konkolaachisaa argachuuf qorannoon fayyaa taasifamu gama giddu gala kanaan kennamuu eegaluu isaa Obbo Yoonaas ibsaniiru.
Namootni eyyema konkolaachisummaa argachuuf yeroo jalqabaaf qorannoo fayyaa ijaa fi kanneen biroo taasisan akkasumas warreen haaromsatan osoo buufata fayyaa dhaquun irraa hin eegamin A-Masoob irraa tajaajila kana argachuun yeroo fi humna isaanii qusachuu kan danda’an ta’uu hubatameera.

Dabalataanis, Abbaa Taayitaa Nyaataa fi To’annoo Qorichaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun tajaajilotni eyyema kennuufi haaromsuu A-Masoobiin kennamuu eegaluu isaanii ibsaniiru.
Eyyemni Barsiisotaafi Manneen barnootaa illee akkasuma A-Masoobiin kennamuu kan eegalan ta’uu Daayirektarri Olaanaa kun dubbataniiru.
Ministeera Haqaa waliin ta’uun eyyema abukaattummaa kennuu fi haaromsuu ilaalchisees yeroo dhiyootti tajaajila kana eegalchiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajiloota kennaa turan 107 irraa gara 150tti guddisuu kan ibsan Daayirektarri Olaanaa A-Masoob Obbo Yoonaas Alamaayyoo, Dameewwan A-Masoob lamattis tajaajilootni kennaman gara 130tti guddachuu ibsaniiru.

Baatiiwwan Lamaan dhufan keessatti ammoo kutaalee magaalaa Sagalitti tajaajila A-Masoob eegalchiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Tajaajilootni giddu galichatti kennaman dhaqqabaa, si’ataa fi saffisaa ta’uu isaani irraa kan ka’e qorannoo hojjatameen, itti quufiinsi maamilaa gara % 98 kan guddate ta’uu himaniiru.
Tajaajilichi erga Fulbaana Bara 2018 eegalamee as baatiiwwan darban keessatti maammiloota Kuma 90 ol keessummeessuu isaaniis itti dabaluun ibsaniiru.
A-Masoob torbanoota muraasa keessatti tajaajila socho’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e konkolaataan kennuuf qophii xumuraa jiraachuu isaa beeksisuun isaa ni yaadatama.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase