AMN PLUS- Mudde 6/2018
Finfinneetti namootni Kuma 600 fi kuma 22 fi 318 leenjii Inisheetivii ‘Koodaroota Miliyoona Shanii’ xumuruun waraqaa raga fudhachuu Biiroon Innooveshiniifi Misooma Teekinooloojii magaalichaa beeksiseera.
Biirichatti Daayirektarri Ijaarsa Dandeettii fi Leenjii Obbo Ammahaa Siisaay, leenjii koodarootaa bara 2017 eegalame irratti barattoota, dargaggoota, hojjattoota mootummaafi qaamoleen hawaasaa garaa garaa hirmaachaa jiraachuu himaniiru.
Jiraattonni leenjicha xumuruun waraqaa ragaa harkaan ga’atan karoora keessaa dhibbantaa 74.6 ta’uu AMN Dijitaalitti himaniiru.

Leenjii koodarootaa kana namootni hin fudhanne Kuma 195 ol ta’an ammo barana fudhatanii hamma Waxabajjii bara 2018tti akka xumuran hubannoon garaa garaa kennamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Carraa barnoota bilisaa “Online” kun barattootaafi dargaggootni teekinooloojii cehumsa dijitaalaa bakkuma jiran ta’anii akka hubatan taasisuu irra darbee, ofumaan hojii moosaajiiwwan garaa garaa irratti akka yaalii taasisaniifi ofumaan misoomsan haala mijeessuu dubbataniiru.
Barattootni Manneen Barnootaa keessatti sirna qabiinsa ragaa ofumaan fooyyessaa adeemuun, manneen barnootaa gargaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Leenjii kana ka’umsa taasifachuun Siistamootni rakkoo qabatamaa magaalaa Finfinnee furan misoomaa jiraachuu Obbo Ammahaan eeran.
Sirna Bulchiinsa Koodarootaa “Coders Management System” jedhamu misoomsuun ragaan koodaroota sagantaa kanaan fayyadamoo ta’anii giddugala odeeffannoo tokkoo jalatti akka walitti qabamu taasifamuu ibsaniiru.

Teekinooloojiin Dijitaalaa kun qaamolee hawaasaa kanneen biroo bira akka qaqqabu taasisuuf hojiin hubannoo kennamaa jiraachuu kan kan kaasan daayirektarichi, carraa barnootaa bilisaa, hin argamneefi irran deebi’amne kanatti fayyadamuun hubannoofi dandeettii dijitaalaa barri barbaadu kana gonfachuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) bara darbe wal ta’umsa Gamtaa Eemireetota Arabaan kan eegalchiisan Innisheetiviin Koodaroota Miliyoona Shanii kun, marsariitii leenjii idil addunyaa kennuun beekamu “Udacity” jedhamuun kan kennamudha.
Udacity’n leenjiiwwan beekumsa dijitaalaa guddisan 4 kanneen doolaarri itti kaffalamee barataman tolaan akka kennamu, baasiin isaa deggersaan kan haguugamu yoo ta’u, lammiileen Itoophiyaa kana fudhatan carraawwan hojii hedduu argachaa jiraachuun isaanii ibsamaa jira.

Leenjiiwwan kunneenis AI /Hubannoo Nam-tolchee/ Programming Fundamentals/bu’uurawwan Piroograamiingii, Data Analysis fi Android Developer Fundamentals/Bu’uurawwan Moosaajii gabbisuudha.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase