AMN PLUS – Mudde 7/2018
Hojii Finfinneetti hojjetameen baay’een gammada, ittiinan boone jechuun Weellistuu Hawwii Dhaabaa (Wihaa) himte.
Aartistoota biyyoota Afrikaa adda addaa fi muuziqeessitoota Itoophiyaa sirna badhaasa Odaa irratti hirmaachuuf gara Finfinnee dhufan waliin wal arguun mari’ataniiru, Finfinnees waliin daawwachiisaniiru.

Wiihaan AMN waliin turtii taasisteen, hojii Finfinneetti hojjetame kanaan hedduu gammaduu fi boonuu dubbatteetti.
Weellistoota biyyoota Afriikaa 14 irraa gara Finfinnee dhufan kanneen waliin Finfinnee yeroo keessa yeroo naannoftetti, “Magaalaa keenyatti hin qaanofne, sababni isaas bakka miidhagaa, ijaaf tolu, foolii gaarii, seenaa ajaa’ibaa waliin waan daawwanneef” jette.
Keessumaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa waliin yeroo daawwannu, anis isaanis seenaa kanatti boonaa turan. Seenaa akkasii qabaachuu keenyatti hedduu dinqisiifatan” jetti Wihaan.

Badhaasni Odaa artiistota gurguddoo Afriikaa gara Finfinnee fiduun carraa guddaa akka ta’e kan himtu Wihaan, waa hedduu waliin qooddachuu himte.
Aadaa walirraa baruun dabalata, carraa waliin hojjechuullee hedduu akka uume eerteetti.

Finfinnee giddugala Aartii Afriikaa akka taatullee abdii qabdu AMNtti himteetti
Tagany Bafiqaaduutu gabaase