Sagantaan “Muka Tokko, Haadhakoof” Indiyaa fi Inishiyeetiiviin “Ashaaraa Magariisaa” Itooophiyaa, addunyaaf fakkeenya ta’u

You are currently viewing Sagantaan “Muka Tokko, Haadhakoof” Indiyaa fi Inishiyeetiiviin “Ashaaraa Magariisaa” Itooophiyaa, addunyaaf fakkeenya ta’u

‎AMN PLUS Mudde 8/2018

‎Itoophiyaa fi Indiyaan misooma magariisaa fi haala qilleensaa addunyaaf dhaabbachuuf waliigalan

‎Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin inisheetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa fi Indiyaatti sagantaan “Muka Tokko Haadhaa Koof” jedhu haala qilleensaa addunyaaf dhaabbachuuf fakkeenya tahuu himan.

‎Akkasumas, Indiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP 32) bara 2027 A.L.Atti Itoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa barbaachisaa ta’e kan taasistu tahuu ibsaniiru.

‎Falaasama Mahaatamaa Gaandiin “Nuti abbaa pilaaneetii bareedduu kanaa fi qabeenya uumamaa ishee irratti abbootii qabeenyaa osoo hin taane, kunuunsuu fi ijoollee keenyaaf dabarsuudhaaf abbootii imaanaa fudhatan” ta’uu keenya waliin walsimuun, kunuunsa qabeenya uumamaaf kutannoo biyyoonni lamaan qaban dinqisiifataniiru.

‎Muummee Ministiraa Abiyyi Ahimad (PhD) walgahii mana maree Itoophiyaa lamaan irratti haasawaa taasisaniin, biyyootni lameen maddoota anniisaa haaromfamuu danda’anii fi ashaaraa magariisaarratti carraa hojii uumuu, fi bu’uuraalee misoomaa balaa dandamatan ijaaruu akkasumas haala qilleensaa addunyaaf furmaata fiduu irratti waliin kan hojjetan tahuu himaniiru.

‎Mammaaksa Itoophiyaa “Qunceen waliin taatee arba hiiti” jedhu mammaaksa Indiyaanootni “Gaafa onneen tokkooman gaarotni ni banamu” jedhu waliin walbira qabuun kan dubbatan Muummeen Ministeeraa buna Itoophiyaa fi shaayiin Indiyaa mul’ata michummaa fi walitti dhufeenya aadaa gadi fagoo biyyoota lamaan gidduu jiru ta’uus ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Itoophiyaan miseensa BRICS taatee Kora Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP 32) bara 2027 keessummeessuuf carraaqqii guutuu taasifte deeggarsa guutuu taasisuu fi yaa’ii G20 Hinditti gaggeeffamu irratti Gamtaan Afrikaa miseensummaa dhaabbataa ta’uuf deeggarsa gochuun hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii guddisuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply