Gahumsa oomishaa industiriiwwanii guddisuuf imaammatni haaraa bocamee hojjatamaa jira- Obbo Jaanxiraar Abbaay

You are currently viewing Gahumsa oomishaa industiriiwwanii guddisuuf imaammatni haaraa bocamee hojjatamaa jira- Obbo Jaanxiraar Abbaay

‎AMN PLUS-Mudde 9/2018

‎Gahumsa Oomishtummaa Indastiriiwwanii guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru Kantiibaa Itti Aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsan.

‎Biirichi bakka buutota dhaabbilee Faayinaansiifi Industiriiwwan oomishaa waliin mari’ataa jira.

‎Magaalaa Finfinnee keessa Indastiriiwwan oomishaa Kuma Sadii fi 800 akka jiran kan himan Obbo Jaanxiraar, “oomishaafi oomishtummaan dabalaa jiraatullee hanga barbaadame miti” jedhaniiru.

‎Gahumsa oomishaa industiriiwwan kanneenii guddisuuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee imaammata haaraa bocee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

‎Mariin kunis imaammata bahe irratti hubannoo uumuun dhiheessii faayinaansii, liqii, liizii meeshaaleefi dhiyeessii bakka hojii irratti mari’achuun adeemsa invastimantii damichaaf haala mijataa uumuuf akka ta’e Obbo Jaanxiraar ibsaniiru.

‎Geetaahun Katamaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply