AMN PLUS- Mudde 9/2018
Industirii moodeliingii idil-addunyaa keessatti maqaan tokko dabalameera. Saamu’eel Baayyisaa Tufaa.
Haati Isaa Joofaa Barii abbaan ammoo Baayisaa Fufaa, ilma moodela kana kan godhatan Shawaa Lixaa, Abunaa Gindabaratitti. Saamu’eel hireesaa barbaacha Buraayyuu jiraateera, achiis gara Dubaayi ce’e.
Hojjetaa humnaa ta’uun Kubbaaniyaa ‘Tiger’ jedhamu keessa qulqulleessummaan qacarame. Guyyaa kaan ammoo hojii ijaarsaa deeggaruun, simmintoo fe’uufaa hojjetaa ture.

Osoo baayyee hin turin ji’a 6 keessatti carraan addaa balbala konkolaataa Lamborgiiniin banamte. Saamu’eel hojii guyyaasaa oolee yeroo ba’u namni tokko konkolaataa qaalii miidhagduu kana keessaa waama.
”An uffanni kiyya awwaara, kopheen kiyyas akkasuma, kanaan hin seenu jennaan ‘lakki! namamoo konkolaataatu caala?’ naan jedhe,” jedha Saamu’eel BBC waliin turtii taasiseen. Dhugaa hin seene. Abbaa qabeenyaa beekamaa Dubaayi ture.
Saaffisa konkolaataa kanaaf jecha sodaafi miira Saamu’eel kan Waraabe abbaan qabeenyaa kun, fuula Instagram isaarratti gadhiise. Kanumaan balballi moodelummaa baname.
Namni Dhaabbata moodelummaa qabu Lammiin Kaameruun Eriik jedhamu viidiyoo kana argee Saamu’eel waliin walbare.

Waan nama dhibu Eriik osoo moodela hin ta’in waggaa saddeet dura akkuma saamu’eel kana Dubaayi keessatti hojii qulqulleessummaarra ture. Seenaan lamaan isaanii walfakkaate kun imala fagoo isaan deemsise.
Saamu’eel hojiiwwan beeksisaa biraandii uffataafi riil isteetiiwwan Dubaayi irraa argate. Hojiin moodelummaa isaa kunis namoota hedduu waliin isa wal barsiisuu hima. Kunis carraa hojii addaa isaaf banuun har’a moodela idil addunyaa ta’eera.
Kaleessa badhaasa ‘Zikomo Africa Awards jedhamu irratti Moodeel Saamu’eel Baayyisaa Tufaa ‘Best Male Model of the Year jedhamuun injifate.
Moodeel Saamu’eel Taanzaaniyaatti argamuun badhaasa kana erga fudhatee booda haasaa taasiseen “Jalqaba galanni kan Iyyesuusi” jedhe.
Deggartoota isaa fi biyya isaa hin daganne “Itoophiyaan bara baraan ha jiraattu” jechuun dhaadate.
Tagany Bafiqaaduutiin