‎Fiilmii “Soolanee” Ameerikaatti badhaafame Daayirektarummaafi Taatoo ta’uun kan hojjete Artist Fiqaaduu Daadhii eenyu?‎‎

You are currently viewing ‎Fiilmii “Soolanee” Ameerikaatti badhaafame Daayirektarummaafi Taatoo ta’uun kan hojjete Artist Fiqaaduu Daadhii eenyu?‎‎

‎Yeroo barataa turetti diraamaa hojjachuu, baacoo himuu, walaloo dhiyeessuu akkasumas waltajjii beeksisuutiin kan eegale Artisti Fiqaaduu Daadhii jaalalli aartiif qabu dabalaa deemuun gara ogummaa kanatti akka seene dubbateera.

Barnoota qophaa’inaa yoo seenu muummee saayinsii uumamaa seenus, fedhiifi jaalalli inni aartiif qabu dabalaa adeemuun daran gara ogummaa kanaatti harkifamaa dhufuu isaa turtii “AMN PLUS QOPHII KAARIIBUU” irratti dubbateera.


“Guyyaa tokko garuu waan ani danda’umoo waan ani fedhu barachuu qaba jedheen of gaafadhe” jedha Aartisti Fiqaaduu Daadhii.

‎Yunivarsiitiitti damee saayinsii uumamaa seenee osoo barachaa jiru gaaffii of gaafateen murteerra kan gahee waan danda’u osoo hin ta’in waan fedhuu barachuu akka qabu murteeffate.

‎Sanumarraa ka’uun Yunivarsiitii Diillaatti saayinsii uumamaa barachaa osoo jiruu gara muummee gaazexeessummaatti jijjiirrachuun ogummaa kana keessatti aartiin of cimsaa akka barate ibsa.

‎”Yunivarsiitii Diillaatti carraa waltajjii irratti mul’achuu argachuu irra darbuun caalaatti ogummaan of gahoomsaa adeemuu dubbata.

‎Hojii jalqabaatiin “Fiilmii Gaadii” irratti daayirektaraafi taatoo hangafaa ta’uun hojjetee akka milkaa’eefi hedduu akka itti gammades ibseera.

‎Giddu Gala Taatummaa Leenjii Tiyaatira Dungoo bara 2009 hundeessuu kan dubbatu Artisti Fiqaaduun, waan lamaaf furmaataa barbaaduf akka ta’e hima.

‎Inni tokko barreeffama Tiyaatira “Dungoo Bilisummaa” qopheessee harkaa qabaachuun ka’umsa jalqabaati jedha.

‎Inni lammaffaan ammoo waltajjii tiyaatarri adda addaa irratti muuxannoo argate gara Aartii Afaan Oromootti fiduuf hawwii qabaachuu isaati.

‎Tiyaatarri “Dungoo Bilisummaa” ilmoo isaa jalqabaa ta’uu dubbateera.

Giddu Galli Leenjii Taatummaa Tiyaatira Dungoo, maqaa tiyaatira isaa jalqabaan moggaa’e waggoota Saglan darbanitti leenjifamtoota 720 ol leenjisee akka baase ibseera.

‎Fiilmii Afaan Oromoo akka addunyaatti waltajjii Ameerakaa irratti badhaafame “Soolanee” Daayirektaraafi taatoo ta’uun akka hojjetes himeera.

‎Milkaa’ina “Fiilmii Soolanee” kanatti baay’ee akka gammadee kan ibsu Fiqaaduun “hojiin namaa sadarkaa addunyaatti bahee yoo mul’atu waan guddaadha” jedheera.

‎Fiilmiin kun biyyoota Awurooppaa adda addaa keessatti agarsiisaaf akka dhiyaate ibseera.‎

Hojii daayirektarummaafi taatummaa fiilmiitiin kan beekamuu Artistii Fiqaaduu Daadhii hojiilee aartii Oromoo guddisan baay’ee hojjechuuf karoorfachuu kaaseera.

‎Tiyaatira “Dungoo bilisummaatiin jalqabeei, “Cancala Cite”, “Adduunyaa sobaa”, “Ganamee” fi tiyaatIroota biroo akka hojjates ibseera.

Duraan tiyaatiras ta’e fiilmii hojjatanii galii irraa argachuun rakkoo ta’uu yaadata, Fiqaaduun.

‎Yeroo ammaa garuu teekinooloojiitti fayyadamuun sadarkaa waltajjii addunyaa irrattillee dorgomee badhaafamuun isaa hojii kana caaluuf isa kakaasuu turtii AMN PLUS waliin taasiserratti Artist Fiqaaduu Daadhii ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply