Daa’imummaatti abbaa isaa du’aan dhabnaan, umrii isaa waggaa 8 irraa kaasee akka leenjisaa qofaa osoo hin taane akka abbaattin guddise – Maaster Kaasaahun

‎AMN PLUS- Mudde 10 /2018

‎Abrahaam Addunyaa dhalataa magaalaa Baatuu fi dorgommii tekwaandoo Guddattoota Afriikaa kiiloogiraama 51’n lammii Ijipti Maaziin Ahimad 2-0’n injifachuun Itoophiyaaf warqee argamsiiseedha.

Abrahaam maatii “KT Aerobics and Gym Center” yoo ta’u, ‎Maaster Kaasahun Gammachuu ammoo leenjisaa isaati.

‎Maaster Kaasahun, AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen, Abrahaam nama maatii hiyyeessa irraa dhalatee fi abbaan isaa ijoollummaatti du’uun haati isaa hojii humnaa hojjettee akka guddiste dubbata.

‎Bara 2008 wayita Abrahaam umrii waggaa 8 ture irraa eegalee haati isaa imaanaa kan kenniteef tahuu hima.

‎Erga sanii akka leenjisaa qofa osoo hin taane akka abbaatti dhimma Abrahaamiin ilaallatu hunda irratti karaa hundumaan deeggaraa akka ture himeera.

‎Abrahaam nama naamusaa fi amala gaarii qabu tahuu kan hime Maaster Kaasahun, waggaa sadii dura wal dorgommii ol guddattootaa Oromiyaa irratti hirmaachuun medaaliyaa warqee akka argate yaadata.

Finfinnee irrattis dorgomuun medaaliyaa warqee akka argate eeruun, dorgommii mo’aa mo’attootaa akka Oromiyaatti gaggeeffame irrattis Warqee argachuu kaaseera.

‎Waggaa lamaan darbes Abrahaam akkaadaamii Itoophiyaatti makamuu eeruun, bara darbes Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii G5 jedhamu akka Baha Afrikaatti gaggeeffamerratti injufachuun medaaliyaa Warqee biyya isaaf argamsiisuu himeera.

‎Yeruma sana guyyaa 5 boodas dorgommii Afrikaa “Open Tournament” irratti hirmaachuun injifachuusaa Maaster Kaasahun himeera.

‎Yeroo ammaas dorgommii dargaggoota Afrikaa 4ffaa Angoolaa Luwaandaatti gaggeeffamaa jiru irratti Abrahaam Addunyaa lammii Ijipti Maaziin Ahimad 2-0’n injifachuun biyya isaatiif warqee argamsiisuu dubbateera.

‎Umrii isaa xiqqaa kanaan Abrahaam biyya isaaf medaaliyaa Warqee fiduu isaatti kan gammade tahuu Maaster Kaasahun AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen himeera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply