AMN PLUS – Muddee 10/2018
Aartii kubbaa miilaa afaan baasee dubbatu Piriimer Liigii Ingiliiziin agarsiisee hanga waancaa addunyaa injifachuutti itti fufeera. Gahumsa isaa bareedinaafi gara laafummaan kuuleera.
Dandeettii kalaqaa,hoggansaafi jaalala hin moofofne kubbaa miilaaf qabuun taphattootaafi dinqisiifatootatti haamilee horeera.
Dhiibbaan isaa galma isaarra caale argameera. Aadaa kubbaa miilaafi dandeettii ittiin taphatamu dhaloota ammaaf akka hambaatti bocee lafa kaa’eera.
Sagalee dhugaa kubbaa miilaa fakkeenya dhalootaa,tasgabbaa’aa jaalalli dhugaa irraa calaqqisu. Xiiqeffataa onneen gaara.Arjaa harkaafi miilli warqee.Gumaacha inni taasiseen adunyaan kubbaa miilaa galateeffattee badhaasa umrii guutuu nama gaarii ispoortii ta’uun BBC Sport irraa badhaafameera.

Kubbaan miilaa jireenya koo keessaatti waan hedduu naaf gumaacheera.Anis humna koo homaayyuu osoon hin qusatiin irratti hojjedheera.
Badhaasa kana injifachuu kootti gammachuu guddaatu natti dhahama. Deeggartootaafi hiriyoota koo addunyaa mararra jiran boonsuu kootti yaadannoon yoomiyyuu hin daganneedha.
Wayita badhaasicha fudhatu Dhala isaa 4’n qabatee wal tajjii bahee,badhasni kun kan koo qofa osoo hin taane isinis ni dabalata.
Bu’aa bahii jireenyaa na barsiistaniittu.
Kophummaafi rakkinoota adda aaddaaf saaxilamuurraa na baraartaniittu.Namaaf yaaduun, nama jaallachuun maal akka ta’es isinirrattn bare.Isin qabaachuun koo na boonsa jechuun haadha manaa isaa dabalataan galateeffate.
Tiyeerii Daani’eel Henriin Firaaansi bakka Les Ulis jedhamutti dhalatee guddate. Bara 1998 Firaansi waliin waancaa addunyaa injifateera.
Taphoota 123 garichaaf hiriiree taasiseen gooliiwwan 51 lakkoofsisuun hanga Oliiver Jiruud riikardicha bara 2022 qooddatutti taphataa garee biyyaalessa Firaansiif goolii hedduu lakkoofsise ta’uun riikardii haaraas galmeessee ture.
Kubbaa miilaa taphachuuf qofa osoo hin taane sadarkaa biroottii ceesisuuf dabalata kan dhalate Henriin sirritti ifee kan mul’ate kilaba kaaba landan Arsenaal keessatti ture. Ani lammummaan koo Firaansi garuu qalbiifi jireenyi koo hundi Landani jechuun jaalala guddaa kilabichaaf qabu afaan guutee dubbata.Kilabichis ati mootii kilabichaati jechuun Siidaa yaadannoo Istaadiyeemii Emireetis fuulduratti ijaareefiira.
Waggoota 8 kilabicha keessa tureen,Waancaa FA ingilaandi 3fi Piriimer Liigii Ingilaandi 2 injifateera. Bara 2003/4 wayita arsenal tapha tokkoyyuu osoo hin injifatamiin waancaa liigichaa injifatu taphattoota shoora olaanaa bahatan keessaa isa tokkoodha.Riikardii hanga ammaatti kilabichi dhuunfate jiruudha.

Taphoota 377 irratti gooliiwwan 228 lakkoofsisuun taphataa Arsenaal gooliiwwan hedduu lakkoofsise ta’eera.
Kubbaawwan warqeefi taphataa cimaa waggaa liigichaa ta’uun yeroo hedduu injifateera. Kuubbawwan gooliif ta’an mijeessee kennuu dabalatee riikardiiwwan hedduu qooddateera.
Tiyeerii Henriin mul’ata dhugaa ,taphataa cimaafi fakkeenya dhalootaati.Taatoo cimaa leenjisaa Arseen Wengerii . Falaasama taphaa isaaniin jajuu olaanaa kan argatan bara dhaloota akka Tiyeerii Henrii fa’aa leenjisaa turaniidha.
Bara 2007 kilaba kaatalaan baarseloonaattis makameera.Fara toleessa miila jiidhaan,bakka deemutti injifachuu kan amaleeffate Liyoonel Mesii fa’aa waliin waancaa Laaligaa,Shaampiyoonsi liigiifi Kooppaa Delreeyis injifateera.Liigii Meejar Sookar Ameerikaattis kilaba Newyork Reed Buuliifis taphateera.
Bara 2014 kubbaa miilaarraa soorama kan bahe Henrii guddattoota arsenaal dabalatee itti aanaa ta’uun kilaboota garaagara ta’uun leenjiseera. Garee biyyaalessa Firaansi umrii 21 gadii leenjisummaan hogganuun olompiika Paaris bara 2024 irratti Ispeenin injifatamuun meedaaliyaa meetii biyyattiif argamsiiseera.

Kan hin dadhabne,jaalala kubbaa miilaaf rafee kan hin bulle Henriin ammas xuiinxalawwan kubbaa miilaa kennuun tajaajilaa jira. Taphattoota addunyaaf fakkeenya ta’ee ispoortii addunyaaf oolmaa guddaa oolaa jira.Gorsiifi haamileen isaa taphattootaaf karaa ta’eera.
Tiyeerii ati taphataa cimaaa addunyaa kanaati jechuun badhaasa umrii guutuu nama ispoortii gaarii jedhamuun BBC Sport badhaaseera. Amma Ganna 48 irratti kan argamu Henriin abbaa daa’imman 4ti.
Taphataa seena qabeessi duraanii Daviid Beekaam Henrii baga gammadde.Bara jireenyan kubbaa miilaan dabarseen si waliin kilaba tokko keessa taphachuu dadhabuu kootti nan gadda.Ati taphataa cimaadha. Badhaasichis siif mala jechuun jaje.
Taatoo cimaan Biritish Toom Hidleston ati kubbaa miilaa sadarkaa birootti ceesisteetta. Dirree kubbaa miilaa keessa burraaqxeetta.Milkiiwwan siif malus gonfateetta gumaacha taasiste hundaaf galatoomi jechuun ergaa gammachuu qaban ibsaniifi.
Kennaa guddaa kubbaan miilaa badhaafamte. Tiyeerii Daani’eel Henrii
Dachaasaa Dhaabiitu Qindeesse