Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hidhattoota kuma 371ol ta’an keessaa namoota kuma 80 ta’anif leenjii haaromsa kennamuun gara hawaasaatti akka deebisee beeksise.
Naannoo Tigraayitti miseensotni waraana duraanii kanneen leenjii haaromsaa DDR keessa darban ilaalchisee mariin Magaalaa Finfinneetti adeemsifameera.
Komishiniin Haaromsaa loltoota mootummaa duraanii hojii dhiisuun hidhachuun naannolee adda addaa keessa socho’aa turan sagantaa DDRtiin jechuunis hidhannoo hiikkachiisuun, leenjii kennuun deebisanii ijaaruun gara jireenya nagaa akka deebi’an akka taasise beeksiseera.
Lola Kaabaa keessatti garee TPLF deggaruun hirmaataa kan turan keessaa namootni 500 ta’an Hoggantootni Olaanoon fi miseensotni loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa DDR keessa darbuu fi seera waraanaa bu’uureffachuun gara hojiitti deebisuun akka danda’ame eerameera.
Humnootni hidhatan baay’een hidhannoo hiikkachuun leenjii fudhatanii gara jireenya nagaatti deebi’aa akka jiranis komishinichii ibseera.